Qajeelfama walitti qabamoota nagaa qabeeyii yeroo COVID-19 tiif

Multilingual Resources

Talaalamtanis talaalamuu baattanis, hiriyootaa fi maatiiwwan waliin yeroo gannaa kanatti walitti qabamuuf karoorsaa jirtu yoo ta'e, ofii keessan akkasumas namoota jaallattan dhibee COVID-19 irraa eeguudhaaf maal akka gochuu dandeessan yaadaa.

Talaalamuun ofii keessanii fii namoota naannoo keessan jiran, keessumaayyuu kanneen talaallii argachuudhaaf ulaagaalee hin guutne eeguudhaaf karaa isa baay'ee filatamaa ta'edha. Talaalliiwwan dhukkubbii cimaa fi du'a sababa COVID-19n dhufu ittisuudhaaf baay'ee gaariidha, garuu walitti qabamuudhaaf yoo murteessitan, talaalamtanis talaalamuu baattanis saaxilamni tatamsaasa dhibee COVID-19 hinuma jiraata. Talaallii fudhachuun, maaskii uffachuun, akkasumas yeroo dhukkubsattanitti mana keessa turuun namoota biroo eeguun gargaaruudhaaf taarkaanfiiwwan fudhachuu dandeessanidha.

Walgahiiwwan Dhuunfaa

Walumaa galatti, wal-gahiiwwan keessan hawaasa keessattidha yoo ta'e yeroo ammaa:

  • Talaallii fudhachuun Dhibee hamaa irraa, dhukkubsattanii hoospitaal ciisuu irraa akkasuma sababa dhibeee COVID-19 tiif du'uu irraa isin eeguuf karaa isa filatamaa ta'edha.
  • Maaskii godhadhaa. Talaalamanis talaalamuu baatanis, namoonni waggaa shanii fi isaa ol ta'an, iddoowwan hawaasaa cufamoo ta'an keessa yeroo jiranitti akkasumas bakkee sagantaa namoota 500 fi isaa ol ta'an qaban, kanneen akka koonsartiiwwanii, sagantaalee ispoortii keessa jiranitti maaskii fuula haguuguu  uffachuu qabu.
  • Mana keessa turaa ni dhukkubsattu yoo ta'e yookin mallattoolee qabdu yoo ta'e
  • Dursaatii karoorsaa. Bakkee nageenyi isaa  hin eegamne yookin mijataa hin taane, kanneen akka  mana dhugaatii namoonni maaskiiwwan hin uffatne walitti tutanii jiran fa'aa jirtu yoo ta'e gara manaatti of-geessaa yookin gara manaa deemuudhaaf karaalee jiran mijeessaa.

Wal-gahiiwwan dhuunfaa

Walgahii hawaasaa gaggeessuu keessaniin dura

  • Tarreeffama keessummootaa gamaggamaa. Eenyu fa’aa akka affeertan.  Daa’imman talaallii argachuudhaaf ulaagaa hin guutne dabalatee, tarii namoonni COVID-19’f saaxilama guddaa qaban dhufuu danda’uu? Keessummoonni keessan talaalamuu yookin dhiisuu isaanii ni beektuu? Haala Kanaan karoora baafachuun keessan barbaachisaadha.
  • Dursaatii karoorsaa. Namoonni hin talaalamiin baay’een yoo jiraatan yookin dhibee COVID-19f saaxilama guddaa qaban ta’anii kanneen hin talaalamiin ni jiru yoo ta’e, karaan inni baay’ee filatamaan walgahicha karaa onlaayinii gaggeessuudha. Qaaman walgahicha taa’uudhaaf yoo murteessitan , yeroo waliin dabarsitanitti akkamitti fayyaa keessaniif dursa akka kennitan hiriyootaa fi maatii keessaniif ifa taasisaa
  • Nagaan Himalaa. Maatii yookin hiriyoota keessan waliin walitti qabamuu yoo barbaaddan, maaloo qajeelfamoota CDC hordofaa. Gara naannoo COVID-19’f saaxilama guddaa qabuu tti adeemaa jirtu yoo ta’e maaskii fuulaa uffachuudhaan namoota biro irraa faana 6(meetira lama) fagaachuudhaan sirritti of eeggachuu qabdu.
  • Gara alaatti baasaa. Walgahiiwwan manaan alatti gaggeeffaman kanneen mana keessatti gaggeeffaman caala baay’ee filatamoodha. Mana keessatti gaggeessuun dirqama yoo ta’e kutaa qilleensi haala gaariin keessa naanna’u filadhaa, kanneen akka foddaa banaa qaban.
  • Xiqqeessaa. Namoota miseensa maatii keessaniin alaa wajjiin yeroo walgahii teessan xiqqaa ta’uun isaa gaariidha.
  • Turtii keessan gabaabsaa.  Turtiin gabaabaa carraa tatamsa’ina COVID-19 ni hir’isa. Akkasumas walitti qabamoonni gagabaaboo harkaa fi meeshaalee tutuqaman qulqulleessuuf karaalee jiran ni salphisu.
  • Ijoollee keessan xiyyeeffannoo keessa galchaa. Daa’imman faana 6 walirraa fagaatanii turuun itti ulfaachuu danda’a, kanaafuu maaskiiwwan uffachuu fi harkaa seeraan dhiqachuun barbaachisaadha. Hubadhaa:Daa’imman waggaa 2 gadi ta’an gonkumaayyuu maaskii uffachuu hin qabani! Miseensi maatii keessanii waggaa 2 gadi yoo ta’an yookin maaskii uffachuu hin danda’an yoo ta’e, namoota talaallii hin fudhanne yookin haalli qorannoo isaanii hin beekamne biraa deemuu keessan daangessaa.
  • Qorannoo fayyaa gaggeessaa. Torbeewwan darban lamaan keessatti namni mallattoo akka qufaa, gubaa qaamaa yookin hargansuu dadhabuu qabu jiraate. Keessummoonni yeroo dhufan ho’a qaama isaanii akkuma qaqqabaniin akka ilaalaman gaafadhaa. Namni kamiyyuu gubaa qaamaa qabaannaan—yookiin mallattoolee biro yoo qabaate yookin sababa COVID-19 tiin torbeewwan darban keessatti saaxilamuun isaa kan beeku yoo ta’e —dirqama mana keessa turuu qaba.
  • Qoratamaa. Talaalamtanis talaalamuu baattanis, wal-gahichaan dura sa’aatiiwwan 72 duran qoratamuun carraa saaxilamummaa hir’isuu dandeessu. qajeelfamoota of-eeggannoo hordfouun baay’ee barbaachisaadha. Qoratamtanii qabxiin isaa Negaativa ta’uyyuu, qajeelfamoota of-eeggannoo kanneen fuula kana irratti qoodaman hordofuun baay’ee barbaachisaadha.
  • Bilibila keessan irratti WA Notify fe’aa. Kunis tarii yoo dhibee COVID-19f saaxilamtanii jirtu ta’e isin beeksisa. WA Notify Guutummaan guutuuttii kan dhuunfaa ta’ee fi eenyuu fi eessa akka deemaa jirtan kan hin beeknedha.

Yeroo walgahii dhuunfaatti

  • Maaskii keessan uffadhaa. Miseensota maatii keessaniin alaa waliin yeroo wal-gahii taasiftanitti, namoonni hundi maaskii fuulaa uffachuun irraa eegama, yoo irra caalmaan hirmaattotaa guutummaadhaan talaalamanii jiru ta’e malee. Tarii namoonni biroo yoo maaskii isaanii irraanfatanii dhufaniif, maaskii dabalataa qabadhaa koottaa.
  • Harka keessan dhiqadhaa. Siinkiin itti harka dhiqattan hin jiru yoo ta’e, saanitaayizarii harkaa dhiyeessaa.
  • Fageenya keessan eeggadhaa akkasumas walitti dhiyeenya keessan daangessaa. Bakka danda’ametti faana 6 wal-irraa fagaadhaa, keessumaayyuu namoota dhibee hamaa COVID-19’f saaxilama guddaa qaban yookin kanneen talaallii hin fudhanne gidduu jirtu yoo ta’e.
  • Foddaawwan banaa. Bakka namoonni walitti qabamanitti foddaawwan banaa ta’anii akka turan taasisaa.
  • Qulqulleessaa. Walitti qabamuu keessaniin dura fi booda yeroo yeroodhaan keemikaalaan qulqulleessaa.

Dhuunfaadhaan erga walitti qabamtanii booda

  • Harkaa keessan dhiqadhaa(irraa deebi’uudhaan). Harkaa keessan bishaanii fi saamunaadhaan daqiiqaa 20’f dhiqadhaa.
  • Saanitaayizaraan qulquulleessaa. Bakkeewwan keessummootaan tuttuqamuu danda’an hunda, kanneen akka gubbaa xarapheezaa, soqxuu irsaasii, qabannaa balbalaa akkasumas meeshaalee mana dhiqannaa hunda saamunaa fi bishaanii dursaa dhiqaa, achumaan booda keemikaalota qulqulleessituudhaan qulqulleessaa.
  • Mallattoolee hordofaa. Mallatooleen kamiyyuu yoo isin irratti mul’atan qoratamaa. Namoota qorataman keessaa namni poosatiiva ta’e tokko yoo jiraate, namoonni biroos akka beekaniif itti himaa. Yoo saaxilamtanii jirtu ta’e maal akka gochuu qabdan beekuuf dabalataan baradhaa.